John 18:20 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Ani mudhinnatti nama maratti dubbadheera; yennaa mara mana Waaqeffannaa Yihudootaatii fi Galma Waaqaa keessatti addee kolbaan marti wolitti qabantutti barsiiseera. Ani dhossa'atti waan tokkolle hin dubbanne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Anini diideese nama ch'ufaati dubbad'e, anini guyya ch'ufa maneeni Waaqa iti kad'ataniifi Mana Waaqa gudda keesaleti fulla Yahudiini iti wolwoldeetuti barsiise, d'ossaani woma indubbanne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus deebisee, “Anin diideessee nama cufaatti dubbadhe, anin guyyaa cufaa manneen Waldeennaatii fi mana Waaqaa keessaalleetti fulaa Yihudiin itti walwaldeettuutti barsiisee, homaa dhossaan hindubbanne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani hennaa maraa barsiisa; dhossa'atti womaa hin dubbanne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee deebisee, «Ani namoota afo'otti addaataa Adunyatti dubbadheera. Mana sagada Yihuudonni maruu itti wolgayanitti Mana Woyyuu keessatti, Ani hennaa maraa barsiiseera; dhossa'atti womaa hin dubbanne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Ani nama marrattuu ifaan dubadhee jira, bakka Yihudonni marrinuu wol itti gayan ta'ee, mana waaqeffannaa isaanii titti, yeroo maraa ni barsiise, dhossa'atti wonitti dubbadhe tokko'llee hin jiru,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Ani mudhinnatti nama maratti dubbadheera; yennaa mara mana Waaqonfannaa Yihudootaatii fi Galma Waaqaa keessatti addee kolbaan marti wolitti qabantutti barsiiseera. Ani dhossa'atti waan tokkolle hin dubbanne.