John 18:22 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa Yesuus tana jedhe, worra eeddotaa ka achi jiranu keessaa tokkko, “Hayyicha gudda'atti attam akkas deebittee dubbatta?” jedhee isa kabale.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akasi jennaani askartiini isa bira ejitu toko Yeso d'abanaafte waan jetteeni, Ati akami qaallicha guddati akana dubbatta?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii akkasi jennaan namii waraanaa ka isa bira ejju tokko, “Atin akkam qaallicha guddaatti akkana dubbatta?” jedhee dhabanaase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa inni kana jedhe worra hojjattootaa ka achi dhaabata'aa turan keessaa tokko, «Bulchaa gadootaatitti akkana deebiftaa?» jedhee Yesuusiin dhabanaasa'aan dhaye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa inni kana jedhe, worra hojjattootaa ka achi dhaabata'aa turan keessaa tokko, «Bulchaa gadootaatitti akkana deebiftaa?» jedhee, Yesuusiin dhabanaasa'aan dhaye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus yeroo kana dubbatetti worra achi dhaabatanii turan itti gaafatamaan wordiyyootaa keessaa tokko, «Itti gaafatamaa qeesotaatiif deebiin deebifittu akkaanaa ree?» jechu'uun, Yesusiin dhabanaassa'aan ni dhayeen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa Yesuus tana jedhe, worra eeddotaa ka achi jiranu keessaa tokko, «Hayyicha gudda'atti attam akkas deebittee dubbatta?» jedhee isa kabale.