John 18:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Yoo ani dokonkora dubbadhee jiraadhe, dokonkora san nama as jirutti himi. Yoo ani sirrii dubbadhee jiraadhe ammoo ati maaf na dhootta?” isaan jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Yo anini waan hamtu dubbad'e, waan hamtu suni d'ugeesi; ammo yo anini waan dansa dubbad'e maafi na d'abanaafta?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus deebisee, “Yo anin waan hamtuu dubbadhee, waan hamtuu sun dhugeessi! Ammoo yo anin waan dansaa dubbadhe maaf na dhabanaafta?” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee deebisee, «Yoo badaa dubbadhee jiraadhe, waan hama'aaf ragi; yoo waan mishaa dubbadhee jiraadhe ammo maaf na dhoofta?» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee deebisee, «Badaa dubbadhee yoo jiraadhe, waan hama'aaf ragi, yoo waan mishaa dubbadhee jiraadhe ammoo maaf na dhoofta?» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Dubbii hamaa dubbadhee yoo jiraadhe, hamaa dubbachuu kiyyaaf ragaa bayi, wonitti dubbadhe dhugaa yoo ta'e garuu, waayee maali'iitiif ana dhoofitta ree?» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Yoo ani dokonkora dubbadhee jiraadhe, dokonkora san nama as jirutti himi. Yoo ani sirrii dubbadhee jiraadhe ammoo ati maaf na dhootta?» isaan jedhe.