John 18:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Simoon Pheexroos adoo achi dhaabbatee ibidda o'ifatiisatti jiruu, worri dhibiin isaan, “Atille barattoota isaa keessaa tokkoo motii?” isaan jedhane. Pheexroos ammoo, “Waawwo'o, anaa moti” jedhee mormate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle Simoni Petroni akuma kaani oleje ibida qanqamate. Duuba, Atileeni nama isaatiiyu? jed'ani gaafatani. Inni mormate, Hiyyo, ani nama isatiiniti jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee adoo Simoon Phexros akkuma kaan olejee ibidda qanqaamachuu jiruu, warrii kaan, “Atilleen nama isaatiiyyuu?” jedhee isa gaafate. Innii ammoo mormatee, “Hiyyoo, anin nama isatiiniti” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Simoon Pheexroosillee dhaabatee ibidda oo'ifata'aa ture. Eeganaa «Ati ammo darasoota isaa keessaamii?» jedhaniin. Innillee, «Anaa miti» jedhee waakkate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Simoon Pheexroosillee dhaabatee ibidda oo'ifata'aa ture. Eeganaa «Ati ammoo darasoota isaa keessaamii?» jedhaniin. Innillee, «Anaa miti» jedhee gane.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti Simoon Phexiros dhaabatee ibidda ni oo'ifata ture, namoonni kuunniin'llee, «Ati hoo barattoota Yesusii keessaa tokkoo mitii?» jedhaniin. Inni'llee, «Ani miti!» jedhee waakkate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Simoon Pheexroos adoo achi dhaabbatee ibidda o'ifatiisatti jiruu, worri dhibiin isaan, «Atille barattoota isaa keessaa tokkoo motii?» isaan jedhane. Pheexroos ammoo, «Waawwo'o, anaa moti» jedhee mormate.