John 18:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Garboota hayyicha gudda'aa keessaa tokko, firri namicha Pheexroos gurra irraa kutee, “Isa woliin orruu keessatti ani si hin dhagginee?” jedhee isa gaafate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tisseeni qaallicha gudda toko, ka fiit'a nama Petroni gurra iraa kute kaani, waan jed'eeni, Ani oobru keesati isa woliini si ingarre?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hojjataan qaallicha guddaa tokko, ka fiixaa nama Phexros gurra irraa kutee kaan, “Anin oobruu keessatti isa waliin si hinarginee?” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Firri namicha Pheexroos gurra muree tokko, ka garbicha bulchaa gadootaa ta'e keessaa, «Ani hulee biqiltu'uutitti isa woliin si hin arginee?» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Firri namicha Pheexroos gurra muree tokko, ka garbicha bulchaa Gadootaa ta'e keessaa, «Ani hulee biqiltu'uutitti isa woliin si hin arginee?» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naminni Phexiros gurra mure fira isaa ka ta'e itti gaafatamoota qeesotaa keessaa tajaajilaan tokko, «Bakka biqilttu'uu titti isa woliin si argee hin turre moo?» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Garboota hayyicha gudda'aa keessaa tokko, firri namicha Pheexroos gurra irraa kutee, «Isa woliin oorruu keessatti ani si hin dhagginee?» jedhee isa gaafate.