John 18:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barii halkaniin Yesuus mana Qayyaaffa'aatii gara galma bulchaa biyyaa geessane. Yihudooti baalli qabanu nyaata Jila Irra Dabaramaa nyaatiisaaf akka dande'anu, qulqullinna aadaa dhugeeffannaa isaanii eegatiisaaf waan barbaadaneef, galma bulchaa biyyaa hin seenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani ganama Yeso fulla Kayafati fuud'ani, gara mana Praitorio jed'ani geesani. Tatule worri ufi mana Praitorio oliinduunne, aka akasiini aada ufi dura yakani sagale Pasaka ind'amne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan ganama Yesus fulaa Qayyaafaatii fuudhanii, gara mana mootichaa warra Roomaa geessani. Warrii ufi mana olhinduunne, akka akkasiin aadaa ufii duraa yakkanii sagalee Dabarsaa hindhamne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusiin qe'ee Qayyaaffa'aatii gara moonaa bulcha'aa fidaniin, hennaan sunillee ganama ture. Isaanillee waan hoolaa ayyaana Faasika'aa nyaachuuf ta'aniif akka hin xuroofneef jedhanii gara kaloo bulcha'aa hin seenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusiin qe'ee Qayyaffa'aatii gara moonaa bulchaa fidaniin, hennaan sunillee ganama ture. Isaannillee hoolaa ayyaana Faasika'aa waan nyaachuuf ta'aniif akka hin xuroofneef jedhanii gara Kaloo bulchaa hin seenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Yesusiin mana Qayyaafa'aatii gara moonaa bulchaa biyyaa ni fudhataniin, yeroon'llee ganama obboroo ture, Yihudonni hoolaa Ayyaana Faasiika'aatiif qalamu nyaachuu waan qabaniif, akka hin battoofinneef ganama obboro'oon gara moonaa bulchaa biyyaa keessa hin aseenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barii halkaniin Yesuus mana Qayyaaffa'aatii gara galma bulchaa biyyaa geessane. Yihudooti baalli qabanu nyaata Jila Irra Dabaramaa nyaatiisaaf akka dande'anu, qulqullinna aadaa dhugeeffannaa isaanii eegatiisaaf waan barbaadaneef, galma bulchaa biyyaa hin seenne.