John 18:37 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre Philaaxoos, “Ati mootii Yihudootaatii ree?” jedhee isa gaafannaan, Yesuus deebisee, “Akka ani mooti'ii atinuu jette. Ani marroo dhuga'aatiif dhugaa bayiisaaf dhaladhee, gara biyya lafaa dhufe. Ka dhuga'aa ka te'e ana hin dhage'a” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi Pilatoni, Atini hayyu re? jed'e gaafate. Yesoni waan jed'eeni, Atu hayyu ya naani jette. Maro waan kanatifi d'alad'e, maro waan kanatifi lafati d'ufe, aka waan kana d'ugeesu. Nami d'ugaa ch'ufti dubbi tiyya d'agaya.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Philaxos isaan, “Tanaaf atin hayyuu ree?” jedhe. Yesus deebiseefii, “Atuu hayyuu la naan jette. Mar. roo waan kanaatiif dhaladhe, marroo waan kanaatiif lafaatti dhufe, akka waan kanaa dhugeessu. Namii dhugaa cuftii dubbii tiyya dhagaya” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Philaaxoosillee «eeganaa ati Mootii Yihuudotaatii?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Ani akka mootii ta'e atuu jette. Ani dhugaa ragu'uuf dhaladheera, kanaaf gara adunya'aa dhufeera. Sababaa dhuga'aatiif maruu laagaa kiyya hin dhagaya» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Philaaxoosillee eeganaa, «Ati Mootii Yihuudotaatii?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Ani mootii akka ta'e atuu jette. Ani dhugaa ragu'uuf dhaladheera, kanaaf gara adunya'aa dhufeera. Sababaa dhuga'aatiif maruu laagaa kiyya hin dhagaya» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Philaaxos'llee, «Eegaa, ati, nugusa kaa?» jedheen. Yesus'llee, «Ani nugusa akka ta'e ati dubbatee jirta, ani ka dhaladhee fi gara biyya lafaa'llee ka dhufe waayee dhuga'aa ragaa bayu'uuf, ka gara dhuga'aatii ta'e marrinuu dubbii kiyya ni dhagaya» jechu'uun, ni deebise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Philaaxoos, «Ati mootii Yihudootaatii ree?» jedhee isa gaafannaan, Yesuus deebisee, «Akka ani mooti'ii atinuu jette. Ani marroo dhuga'aatiif dhugaa bayiisaaf dhaladhee, gara biyya lafaa dhufe. Ka dhuga'aa ka te'e na hin dhage'a» jedhe.