John 18:38 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Philaaxoos, “Dhugaan maan inni?” jedhee gaafate. Achiin duuba Philaaxoos gara kolba'aa deebi'ee gad bayee, “Ani yakkaa isa himachiittu tokkolle isa irratti hin dhaggu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Pilatoni waan jed'e, D'ugaani waan akamiti kana? Akasi jennaani inni ammalle Yahuditi gadibahe waan jed'eeni, Anini waan hamtu isa irati tokole ingarre.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Philaxoon, “Dhugaan waan akkamitii kanaa?” jedhee gaafate. Akkas jedhee ammallee Yihudiitti gadba'ee, “Anin waan hamtuu tokkollee isa irratti hingare.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Philaaxoos, «Dhugaan maali'i?» jedheen. Kana jedhee deebi'ee gara Yihuudotaa bayee, «Ani yakka tokkollee isa irratti hin argine.» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Philaaxoos, «Dhugaan maali'i?» jedheen. Kana jedheeti deebi'ee gara Yihuudotaa bayee, «Ani yakka tokkollee isa irratti hin argine.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Philaaxos'llee, «Dhugaan maali'i?» jedhee ni gaafate. Kanaan duubatti Philaaxos deebi'ee gara Yihudotaa bayeeti akkana isaaniin ni jedhe, «Ani balleessaa woyiituu isa irratti hin argganne,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Philaaxoos, «Dhugaan maan inni?» jedhee gaafate. Achiin duuba Philaaxoos gara kolba'aa deebi'ee gad bayee, «Ani yakkaa isa himachiittu tokkolle isa irratti hin dhaggu.