John 18:39 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo ani yennaa Jila Irra Dabaramaa, yennaa mara nama hidhameeru tokko akka isinii hiiku barattaneertan. Mootii Yihudootaa akka ani isiniif hiiku barbaaddanii?” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo isani aada toko qabdani, aka anini nama toko guyya Pasaka isanii hiikhu. Tanaafi aka anini hayyu Yahudi isanii hiikhu feetu? jed'e gaafate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan ammoo, akka anin nama hidhame tokko guyyaa Dabarsaa isanii hiiku aadaa qabdan. Tanaaf akka anin hayyuu Yihudii isanii hiiku feetuu?” jedhe gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo Ayyaana Fasika'aatiif mootichi nama tokkicha akka isinii hiiku aadaa qabdan. Kanaafuu akka mootii Yihuudi'ii isinii hiiku feetanii?» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo Ayyaana Fasika'aatiif mootichi nama tokkicha akka isinii hiiku aadaa qabdan. Kanaafuu mootii Yihuudi'ii akka isinii hiiku feetanii?» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu akka aadaa qabddaniitiin yeroo maraa Ayyaana Faasika'aa titti, yeroo maraa hidhamaa tokko isiniif ni hiika ture, kanaaf nugusa worra Yihudotaa kana akka isinii hiikuuf ni barbaadanii ree?» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo ani yennaa Jila Irra Dabaramaa, yennaa mara nama hidhameeru tokko akka isinii hiiku barattaneertan. Mootii Yihudootaa akka ani isiniif hiiku barbaaddanii?» isaaniin jedhe.