John 19:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Waan Waaqaan baalliin sii kennanteef malee, ati silaa baallii ana irratti hin qadduuyyu. Tanaaf nami dabarsee sitti na kenne, yakkaamessa cubbuu cuubbuu caaltee ti” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Sila jabeenna wo na tolchituuni inqabdu, yo Waaqi sii kenne male. Tanaafi nama harka kanketi na kenneeti ira daba qaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo deebisee, “Yo Waaqii sii kenne malee silaa jabeenna wa na tolchituun hinqabdu. Tanaaf nama harka kankeetti na kenneetti irra cubbuu qaba” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus deebisee, «Olii uduu sii kennamuu dhabaatee, silaa ana irratti baallii hin qabdu. Kanaafuu ka dabarsee sitti na kenneef cubbuun isaa ka caalu ta'a» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee deebisee, «Olii uduu sii kennamuu dhabaatee, silaa ana irratti baallii hin qabdu. Kanaafuu ka dabarsee sitti na kenneef cubbuun isaa ka caalu ta'a» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Waaqinni aangoo uduu si kennuu dhabaateetii, ana irratti aangoo woyiituu hin qabddu ture, ta'u'llee si'iif dabarssee ka kenne, cubbuu kanna caalutuu isa irra jira» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Waan Waaqaan baalliin sii kennanteef malee, ati silaa baallii na irratti hin qadduuyyu. Tanaaf nami dabarsee sitti na kenne, yakkaamessa cubbuu cubbuu caaltee ti» jedhe.