John 19:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Philaaxoos yennaa tana dhage'e, karaa Yesuus ittiin hiiku dhaggatiisaaf wodhaane. Gumiin ammoo, “Yoo isa hiitte, ati jaala mootii moototaa, ka biyya Rooma'aatii moti; nami mootii tokko ifi godhu marti, mootii moototaa, ka biyya Rooma'aatiin mormee isa lolu” jettee ittuma hogite.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan kanaafi Pilatoni isa gad'iisu fed'e, ammo Yahudiini ch'aarte waan jette, Yo nama kana gad'iifte atini jaala Kaisaritiiniti! Nami hayyu ufi tolchu ch'ufti nyaapa Kaisari.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan kanaaf Philaaxos isa gadhiisuu fedhee, Yihudiin ammoo, “Yo nama kana gadhiifte atin jaala Qeesaaritiiniti! Namii hayyuu ufi tolchu cuftii nyaapha Qeesaarii” jettee caarte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Asiin maayessa Philaaxoos hiiku'uunii fedhe, haa ta'uu ammo Yihuudonni, «Kana yoo hiitte, ati jaalalloo Qeesaariitii miti; ka mootii uf taasisu maruu faalleessaa Qeesaariiti» jedha'aa wocan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Asiin maayessa Philaaxoos hiiku'uunii fedhe, haata'uu ammoo Yihuudonni, «Kana yoo hiitte, ati jaalalloo Qeesaariitii miti. Ka mootii uf taasisu maruu, faalleessaa Qeesaariiti» jedha'aa wocan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Philaaxos haasaya Yesusii kana yeroo dhagayetti, hiikeenii gad dhiisu'uuniif barbaadee ture, Yihudonni garuu, «Nama kana yoo hiikkitte ati waahela nugusa Rooma'aatii miti, mataa isaa nugusa ka taasisu marrinuu, diina nugusa Rooma'aati!» jedha'aa, ni iyyan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Philaaxoos yennaa tana dhage'e, karaa Yesuus ittiin hiiku dhaggatiisaaf wodhaane. Gumiin ammoo, «Yoo isa hiitte, ati jaala mootii moototaa, ka biyya Rooma'aatii moti; nami mootii tokko ifi godhu marti, mootii moototaa, ka biyya Rooma'aatiin mormee isa lolu» jettee ittuma hogitte.