John 19:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan, “Ijjeesi! Ijjeesi! Fannis!” jedhanee ittuma hogisane. Philaaxoos, “Mootii keessan fannisuu?” jedhee isaan gaafate. Moototi hayyootaalle, “Nuuti mootii moototaa ka biyya Rooma'aa malee, mootii hin qannu!” jedhanee deebisane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri ch'aare waan jed'e, Armaa fuud'i, Armaa fuud'i, olfannisi! Pilatoni, Hayyu keesani olfannisa? jed'e worra gaafate. Qaaloleeni gugurdooni waan jetteeni, Nu hayyu d'ibi inqamnu, Kaisari male!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii caaree, “Armaa fuudhi! Armaa fuudhi! Olfannisi!” jennaan Philaaxos, “Hayyuu keessan olfannisaa?” jedhee warra gaafate. Qaalloleen gugurdoon, “Nu Qeesaar malee hayyuu dhibii hinqamnu!” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan ammo, «Balleessii! Fannis!» jedha'aa wocan. Philaaxoosillee, «Mootii keessan fannisuu?» isaaniin jedhe. Bulchoonni gadootaallee, «Qeesaarii achitti mootii biraa hin qabnu!» jedhanii deebisaniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan ammoo, «Balleessii! Fannis!» jedha'aa wocan. Philaaxoosillee, «Mootii keessan fannisuu?» isaaniin jedhe. Bulchoonni gadootaallee, «Qeesaariin achitti mootii biraa hin qabnu!» jedhanii deebisaniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan garuu, «Balleessiin! Balleessiin! Fannisiin!» jedha'aa, ni iyyan. Philaaxos'llee, «Nugusa keessan haa fannisuunii ree!» isaaniin jedhe. Itti gaafatamoonni qeesotaa «Nugusa Rooma'aatiin alatti nugusa bira'aa hin qabnnu!» yoo jedhan, ni deebisaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan, «Ijjeesi! Ijjeesi! Fannis!» jedhanee ittuma hogisane. Philaaxoos, «Mootii keessan fannisuu?» jedhee isaan gaafate. Sooreyyiin hayyootaalle, «Nuuti mootii moototaa ka biyya Rooma'aa malee, mootii hin qannu!» jedhanee deebisane.