John 19:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus fannoo ifii ba'atee, gara addee, “Buqii mata'aa” yookiin afaan Ibrootaatiin, “Golgootaa” jedhantu dhaqe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni maskali ufi baate deeme, haga fulla Buqe Mata jed'aniti, ta afaani Ebraniatiini Golgotha jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus fannoo ufii baatee, gara fulaa, “Buqqee Mat. aa” jedhanii, ta afaan Ibraayisxiitiin, “Golgootaa” jedhanii deeme.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Yesuusiin qabanii deemaniin; fannoo baadhatee gara gaara afaan Ibraayisxiitiin, «Golgootaa» jedhamu hulee «Buqqee mata'aa» jedhamutti baye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusiinillee qabanii deemaniin, fannoollee baadhatee afaan Ibiraayisxiitiin gara gaara, «Golgootaa» jedhamu hulee «Buqqee mata'aa» jedhamuutti baye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Yesus fannoo isaa baadhatee, «Buqqee Mataa» gara bakka jedhamuu ni baye, bakki kun afaan Ibirootaatiin, «Golgootaa» ni jedhama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus fannoo ifii ba'atee, gara addee, «Buqqii mata'aa» yookiin afaan Ibrootaatiin, «Golgootaa» jedhantu dhaqe.