John 19:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Loltooti Yesuus fannisaneen duuba, woyaa isaa addee afuritti qoodanee, tokko tokkoon qooda ifii fudhatane. Isaan ruufalle fuudhane; ruufi isaa ammoo gubba'aa haga jalaatitti dhowameera malee, hodhaa hin qabu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Askartiini Yeso fannimnaani woya isaa fuute fulla afuriti toko tokooni gargari qoodate, ammalle ubaara isaale ka hod'a inqamne fuud'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii waraanaa Yesus fannimnaan wayaa isaa fuudhee fulaa afuriitti tokko tokkoon gargarii qoodatee, ammallee hubaara isaallee ka olii haga gadii hodhaa hinqamne fudhate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Loltoonni Yesuusiin haga fannisaniin maayessa uffata isaa hulee afuritti qoodanii qoodaman. Qambisaa isaallee hin fudhatan. Qambisaan gubba'aa haga jalaa ka gad diratan malee ka hodhamee miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Loltoonni Yesuusiin haga fannisaniin maayessa uffata isaa hulee afuritti qoodanii qoodaman. Kittaa isaallee hin fudhatan. Kittaan gubbaa haga jalaa ka gad diratan malee ka hodhamee miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Lolttoonni Yesusiin erga fannisaniin duubatti uffata isaa fudhatanii, tokkoo tokkoo lolttootaatiif kutaan tokko akka gayu, bakka afurtti isaanii adda ni qoodan, kittaa'llee akkuma kana ni taasisan, garuu kittaan uduu hin hodhamin, olii haga gadii titti tokko ta'ee ka hojjatame ni ture,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Loltooti Yesuus fannisaneen duuba, woyaa isaa addee afuritti qoodanee, tokko tokkoon qooda ifii fudhatane. Isaan ruufalle fuudhane; ruufi isaa ammoo gubba'aa haga jalaatitti dhowameera malee, hodhaa hin qabu.