John 19:24 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Loltooti, “Ruufa kana hin tarsaannu; hixaa itti buuffannee, akka eennu gewu ilaalluu ti!” woliin jadhane. Barreeffam Woyyichi: woyaa tiyya qoodamane, ruufa kiyyatti hixaa buufatane” jedhu akka muummowuuf kun te'e. Loltootille kanuma godhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba waan woliini jed'ani, Intarsaamnu ammo hit'a buufanne nama argatu ilaala jed'ani. Wonti kunini aka t'aafiini guutamtu ta, Woya tiyya gargari qoodatani, ubaara kiyyale hit'a buufatani, jette. Duuba askartiini waan kana tolchite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba warii, “Koottaa hintarsaamnuu, hixaa buufannee nama argatu laalaa!” waliin jedhe. Tunin akka barreessiin ta, “Wayaa tiyya gargarii qoodatanii, hubaara kiyyaallee hixaa buufatan” jettu guutamtuuf. Duuba warrii waraanaa waan kana tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf, «Hixaa itti haa buufannuu malee, hin biinxinu woliin jedhan. Kunillee, «uffata kiyya gar gar qoodaman, kittaa kiyyallee hixaa itti buufatan» ka jedhame dubbiin kitaabaa akka raawwatamuuf worri loltootaa akkas godhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaaf, «Hixaa itti haa buufannuu malee, hin biinxinu woliin jedhan. Kunillee, uffata kiyya gargar qoodaman, kittaa kiyyallee hixaa itti buufatan» ka jedhame dubbiin kitaabaa akka raawwatamuuf worri loltootaa akkas godhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf lolttoonni, «Eennuun akka gayu beeku'uuf caarraa itti haa buufannu malee hin tarssaafinnu» woliin jedhan. Kun'llee ka ta'eef, «Uffata kiyya ni qoodaman, Kittaa kiyya irratti'llee carraa wolii ni buufatan» ka jedhu dubbiin kitaabaa Qulqullu'uu akka raawwatamuuf, lolttoonni'llee akkuma kana ni taasisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Loltooti, «Ruufa kana hin tarsaannu; hixaa itti buufannee, akka eennu gewu ilaalluu ti!» woliin jedhane. Barreeffam Woyyichi, «Woyaa tiyya qoodamane, ruufa kiyyatti hixaa buufatane» jedhu akka muummowuuf kun te'e. Loltootille kanuma godhane.