John 19:26 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus haadha ifiitii fi barataa ifii ka jaallattu achi dhaabbatanuun yennaa dhagge, haadha ifiitiin, “Haadha tiyya, inni ilma keeti” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni haad'a ufitiifi namicha inni jaalatu kaani ka bira ejaanjani arge waan haad'a ufiitini jed'e, Ayo, ilma kanke ilaali.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus haadha ufiitii fi namicha innii jaalatu kaan ka bira ejaajjan argee haadha ufiitiin, “Aayyoo, ilma kankee laali!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee haadha ufiitii fi darasaa jaalatu isa bira ka dhaabata'aaru hennaa arge, haadha isaatiin, «Haadha tiyya! mucaan kee kunooti» isi'iin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee, haadha ufiitiif darasaa jaalatu isa bira ka dhaabata'aaru hennaa arge, haadha isaatiin, «Haadha tiyya, mucaan kee kunooti» isi'iin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee haadha ni jaalata barataa ture bira dhaabatanii yeroo isaan argetti haadha isaatiin, «Yaa haadha tiyya! Kunoo Ilmi kee!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus haadha ifiitii fi barataa ifii ka jaalattu achi dhaabbatanuun yennaa dhagge, haadha ifiitiin, «Haadha tiyya, inni ilma keeti» jedheen.