John 19:28 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus amma wonni marti hobba'iisa beekee, akka Barreeffam Woyyichi muummowuuf, “Ani dheebodhe” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi suni Yesoni aka wonti ch'ufti guutamte beennaani, aka t'aafiini guutamtu waan jed'e, Anini d'eebu qaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii sunii Yesus akka wantii cuftii guutamte beennaan, akka wannii barreessan guutamtu, “Anin dheebuu qaba” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Yesuus wonti maruu akka raawwatame beekee dubbiin kitaabaa akka raawwatamuuf, «Dheebodhe» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Asiin maayii Yesuus wonti maruu akka raawwatame beekee, dubbiin kitaabaa akka raawwatamuuf, «Dheebodhe» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Yesus amma wonitti marrinuu akka raawwatame beekee, dubbiin Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffame akka raawwatamuuf, «Dheebodhe!» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus amma wonni marti hobba'iisa beekee, akka Barreeffam Woyyichi muummowuuf, «Ani dheebodhe» jedhe.