John 19:29 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Qoriin daadhiin woyni'ii dhangaggoottu'uun guutanteertu takka achi jirtiiyyu; maarre isaan ispoonjii daadhii woyni'ii dhangaggootuu xuuxisiisanee, damee muka hisoophi jedhamuu irra keyanee, gara afaan isaa ol qabane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fulla suni qori daad'i qabduti jira; duuba waan aka bututu laaftu toko daad'i taani keesa kayani, hokoti fannisani, afaani isaati geesani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fulaa sun qorii miyyuu daadhii dhangaggooftuu waynii qabdu tokkotti ejja; duuba waan akka bututtuu laaftuu tokko daadhii taan keessa kaa'anii, hookkotti fannisanii, afaan isaatti geessan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Meeshaan daadhiin woyini'ii dhangaggooftuun itti guuttame tokko achi jira; isaan keessaa tokko fiigee dhufee qaccee ule'eetitti carqii hidhee daadhii woyini'ii dhangaggooftuu keessatti cuuphee, akka afaanitti cophu dhiyeesseef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Meeshaan daadhiin woyini'ii dhangaggooftuun keessa guute tokko achi ture; isaan keessaa tokko fiigee dhufee qaccee ule'eetitti carqii hidhee daadhii woyini'ii dhangaggooftuu keessatti cuuphee, akka afaanitti cophu dhiyeessaniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achi'llee meeshaan daadhiin woyinni'ii dhangaggaayaan itti guuttame kaayamee jira ture, kanaaf namoonni achi turan, dhangaggaayaa fuutta'atti guutaniiti, muka hisoophi'ii irratti raraasanii, gara afaan isaa ni dhiyeessan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qoriin daadhiin woyni'ii dhangaggoottu'uun guutanteertu takka achi jirtiiyyu; maarre isaan ispoonjii daadhii woyni'ii dhangaggoottuu xuuxachiisanee, damee muka hisoophi jedhamuu irra keyanee, gara afaan isaa ol qabane.