John 19:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Gara isaalle dhufaa, “Mootii Yihudootaa jiraadhu!” jedhaa isa kakabalane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyu Yahudi, Lubbuuni tante ha d'eeratuuti! jette d'abanaafte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Itti deddeebi'aanii “Hayyuu Yihudii, lubbuun tantee ha dheerattuu!” jedhanii dhabanaasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Itti dhiyaatanii, «Mootii Yihuudi'ii nageenni siif haa ta'u» jedha'aa dhabanaasaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Itti dhiyaatanii, Mootii Yihuudi'ii nageenni siif haata'uu jedha'aa, dhabanaasaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara isaa'llee dhufanii baldu'uun, «Yaa nugusa worra Yihudotaa! Nageenni siif haa ta'u!» ni jedhaniin ture, dhabanaassa'aan'llee ni dhayaniin ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gara isaalle dhufaa, «Mootii Yihudootaa jiraadhu!» jedhaa isa kakkabalane.