John 19:30 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus daadhii dhangaggoottuu san unee, “Hobbaate!” jedhe. Achiin duuba mataa gad qabatee lubbuu ifii dabarsee kenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni daad'i suni argannaani waan jed'e, La hobaate! Jennaani mataani gajed'e, lubbuuni keesaa baate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus daadhii dhangaggooftuu sun afaaniin qamnaan, “La hobaate!” Jedhee mataan gajedhee, lubbuun keessaa baate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus haga hadhaayaa san fudhateen maayii «raawwatame» jedhee mata'aan gad rarra'ee lubbuu ufii dabarsee kenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee haga haadhayaa san fudhateen maayii raawwatame jedhee mata'aan gad rarra'ee lubbuu ufii dabarsee kenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee dhangaggaayaa afaaniin eega qabeen duubatti, «Raawwatame!» jedhe. Mataa isaa gad qabee'llee, lubbuu isaa ni kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus daadhii dhangaggoottuu san unee, «Hobbaate!» jedhe. Achiin duuba mataa gad qabatee lubbuu ifii dabarsee kenne.