John 19:31 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyaan sun guyyaa itti qophaawanu guyaa jimaata waan te'eef, guyyaan itti aanulle guyyaa Sanbata jila guuddo'oo waan te'eef, Yihudooti baallii qabanu reeffi namootaa guyyaa Sanbataatiin fannoo gubbaa akka hin oolleef, miila worra fannifamaneeranu cassanee, fannoo irraa gad buusiisaaf, Philaaxoos kadhatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yahudiini maro guyyaani suni guyya kurfeesa jed'aniifi aka reefi guyya Sabato maskali gubbaati inhamne, Pilato kad'ate, aka miila worraa ch'ach'absani reefa achi guurani. Waan guyyaani Sabato guyya jaba tatefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yihudiin marroo guyyaan sun guyyaa kurfeessaa jedhaniif akka reeffii guyyaa Sambataa fannoo irratti hinhamne, Philaaxos kadhate, akka miila warraa cacabsanii reefa achii guuran, waan guyyaan Sambataa guyyaa jabaa taatef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudonni guyyaan guyyaa ayyaanaaf qophaayan waan ta'eef guyyaan Sambataa sun guddaa waan tureef reeffi isaa guyyaa Sambataa fannoo irra akka hin oolle luka cabsanii akka buusaniif Philaaxoosiin kadhatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yihuudonni guyyaan guyyaa ayyaanaaf qophaayan waan ta'eef, Sambanni sunillee guyyaa guddaa waan tureef reeffi isaa guyyaa Sambataa fannoo irra akka hin oolle luka cabsanii akka buusaniif Philaaxoosiin kadhatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti namoonni worra Yihudotaa ka aangoo qaban, gudeeda namoota fannifamanii cabissanii, reeffa isaanii fannoo irraa akka buusaniif Philaaxosiin ni kadhatan, kana'llee sababaan raawwataniif guyyaa jala qophaayinna Sanbbataa waan ta'ee fi Sanbbanni'llee ayyaana guddaa waan ta'eef, guyyaa Sanbbataatiin qaaminni isaanii fannoo irra akka hin oolleef ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaan sun guyyaa itti qophowanu guyyaa jimaata waan te'eef, guyyaan itti aanulle guyyaa Sanbata jila guddo'oo waan te'eef, Yihudooti baallii qabanu reeffi namootaa guyyaa Sanbataatiin fannoo gubbaa akka hin oolleef, miila worra fannifamaneeranuu cassanee, fannoo irraa gad buusiisaaf, Philaaxoos gaafatane.