John 19:38 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kanaan duuba, Yoseefiin biyya Armaatiya'aa, ka Yihudoota baallii qaddu sodaatee, dhokaataan hordofataa Yesuusii te'eeru, reeffa Yesuusii fannoo irraa fuudhiisaaf Philaaxoos kadhate. Philaaxoos eeyyamee jennaan, Yoseef dhaqee reeffa Yesuusii fuudhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi waan kana Yusufuni ka nama Arimathaya, gara Pilato d'aqe reefa Yeso kad'ate. (Yusufuni suniini nama Yesoti ammo maro Yahudi sodaateefi ufi d'osse.) Pilatoni ee jennaani inni d'aqe reefa fuud'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan kanaan duuba namichii Yoseef jedhan ka nama Armaatiyaa tokko, gara Philaaxos dhaqee reeffa Yesus kadhatee; Philaaxos “Ee'ee” jennaan innii dhaqee reeffa Yesus fuudhe. Yoseefiin sunin nama Yesusitii ammoo marroo Yihudii sodaateef ufi dhosse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Asiin maayii waan Yihuudiin sodaateef dhossa'atti ka darasaa Yesuusii ture, Yooseefiin Armaatiya'aa reeffa Yesuusii fudhachu'uuf Philaaxoosiin kadhate. Philaaxoosillee hin kenneef. Kanaaf dhufee reeffa Yesuusii fudhate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Asiin maayii waan Yihuudiin sodaateef dhossa'atti ka darasaa Yesuusii ture, Yooseefiin Armaatiya'aa reeffa Yesuusii fudhachu'uuf Philaaxoosiin kadhate. Philaaxoosillee hin kenneef. Kanaaf dhufeeti reeffa Yesuusii fudhate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoota aangoo qaban ka worra Yihudotaa sodaachu'uun dhossa'aan barataa Yesusii ka ture, Yooseef naminni biyya Armaatiyaasii, reeffa Yesusii fudhachu'uuf Philaaxosiin ni kadhate. Philaaxos'llee ni eeyyameef. Kanaaf Yooseef dhaqee reeffa isaa ni fudhate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kanaan duuba, Yoseefiin biyya Armaatiya'aa, ka Yihudoota baallii qaddu sodaatee, dhokaataan hordofataa Yesuusii te'eeru, reeffa Yesuusii fannoo irraa fuudhiisaaf Philaaxoos gaafate. Philaaxoos eeyyamee jennaan, Yoseef dhaqee reeffa Yesuusii fuudhe.