John 19:39 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Niqoodemoos, ka duraanuu halkaniin gara Yesuusii dhufeeru, qumbi'ii fi hargiisa wolitti makame, gara kiilograama soddoomii afurii qabatee, Yoseef woliin addee san dhaqe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nikodemoni ka halkaniini Yesoti d'ufe qayya haga kiilo sodoma qumbiifi hargeesa wolti naqe d'ufeeni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Niqoodemos ka gaafa qaraa halkaaniin Yesusiitti dhufee qayya haga kiiloo yokaan xaasaa soddomaa, qumbii fi hargeessa walti naqee dhufeen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma Niqoodimoosiin achiin dura halkaniin gara Yesuusii dhufe qumbi'ii fi hadhaa hargiisaan wolitti makame haga karbee xaasaa afurtamaa gayu qabatee dhufe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma Niqoodimoosiin achiin dura halkaniin gara Yesuusii dhufee, qumbi'ii fi hadhaa hargiisaan wolitti makame, haga karbee xaasaa afurtamaa gayu qabatee dhufe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Asiin durana halkaniin gara Yesusii dhufee ka ture Niqoodemos, giraama dhibba tokko ka ta'u wol makaa qumibbi'ii fi hargiisaa qabatee ni dhufe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Niqoodemoos, ka duraanuu halkaniin gara Yesuusii dhufeeru, qumbi'ii fi hargiisa wolitti makame, gara kiiloogiraama soddomii afurii qabatee, Yoseef woliin addee san dhaqe.