John 19:41 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Addee inni itti fannifame san oorru'utti jira; orruu san keessa godi awwaalaa haarenni ka nami tokkolle itti hin awwaalaminitti jira.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fulla isa fannisani suni oobruti jira; oobru suni keesa awaala haraati jira, ka taka nama iti inawaaliini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fulaa isa itti fannisan sun oobruuti jira; oobruu sun keessa awwaala haaraa takka nama itti hinawwaaliniitti jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Urgee inni itti fannifame sanitti biqiltu'utu jira. Hulee biqiltu'uu sanitti haga hennaa sanii womaa itti hin awwaalamne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Urgee inni itti fannifame sanitti biqiltu'utu jira. Hulee biqiltu'uu sanitti haga hennaa sanii womaa itti hin awwaalamne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bakka Yesus itti fannifamee ture lafa biqilttu'uu tokkotu jira ture, bakka biqilttu'uu san keessa eennu'llee ka itti hin awwaalamin, awwaalaa haarawatu jira ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Addee inni itti fannifame san oorru'utti jira; oorruu san keessa godi awwaalaa haarenni ka nami tokkolle itti hin awwaalaminitti jira.