John 19:42 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyaa worri Yihudootaa itti qophowanu waan te'eef, godi awwaalaalle dhiyoo waan te'eef, reeffa Yesuusii achitti awwaalane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro guyya Kurfeesa Yahuditiifi, ammalle waan awaali suni d'io jiruufi, achiti Yeso awaalani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo guyyaa Kurfeessaa Yihudiitiif, ammallee waan awwaalii sun dhi'oo jiruuf, achitti Yesus awwaalani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf huleen awwaalaa dhiyoo waan tureef haga gaafa Yihuudonni qophaayaniitiif reeffa Yesuusii achi kaayan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaaf huleen awwaalaa dhiyoo waan tureef haga gaafa Yihuudonni qophayaniitiif reeffa Yesuusii achi kaayan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qophaayinna guyyaa Sanbbataa waan turee fi awwaalli'llee dhiyoo waan tureef, reeffa Yesusii achitti ni awwaalaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa worri Yihudootaa itti qophowanu waan te'eef, godi awwaalaalle dhikoo waan te'eef, reeffa Yesuusii achitti awwaalane.