John 19:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Moototi hayyootaatii fi eeddoti Galma Waaqaa yennaa isa dhaggane, “Fannis! Fannisi!” jedhanee hogisane. Philaaxoos isaaniin, “Isin fuudha'aatii, fannisa'a. Ani yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaalole gugurdofi askartiini isa arginaani ch'aarte waan jette, Olfannisi! Olfannisi! Pilatoni waan jed'eeni, Isanumaani fuud'a, olfannisa. Anini waan hamtu isa irati ingarre.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qaallolee gugurdoo fi warrii waraanaa isa arginaan, “Olfannisi! Olfannisi!” jedhee caare. Philaaxos ammoo, “Isanumaan fuudhaa, olfannisaa; anin waan hamtuu tokkolleen isa irratti hingaree” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchoonni gadootaatii fi hojjattoonni hennaa argan, «Fannisi! Fannisi!» jedha'aa wocan. Philaaxoosillee, «ani yakka tokkollee isa irratti waan hin argineef, isin fuudha'aatii fannisaa'a» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bulchoonni gadootaatii fi hojjattoonni hennaa argan, «Fannisi! Fannisi! jedha'aa wocan. Philaaxoosillee, ani dhara tokkollee isa irratti waan hin argineef, isin fuudha'aatii fannisaa'a» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi itti gaafatamoonni wordiyyootaa Yesusiin yeroo arganitti, «Fannisiin! Fannisiin!» jedha'aa, ni iyyan. Philaaxos garuu, «Ani gara kiyyaan balleessaa woyiituu isa irratti hin arganne, yoo barbaadan isin fudhadhaatii fannisa'aanii!» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sooreyyiin hayyootaatii fi eeddoti Galma Waaqaa yennaa isa dhaggane, «Fannis! Fannisi!» jedhanee hogisane. Philaaxoos isaaniin, «Isin fuudha'aatii, fannisa'a. Ani yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine» jedhe.