John 19:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Gumiin, “Nuuti seera tokko qanna; inni ilma Waaqaa ifi godheera, akka seera keennaatitti du'uu qaba” jette.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yahudiini waan jette, Nu seera qamna, seera keenna suni gula inni duu male, waan inni Ilma Waaqa ufiini jed'eefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yihudiin deebichee, “Nu seera tokko qamna; seera keennaa sun gula innii, waan ilma Waaqaa ufiin jedheef du'uu malee” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudonnillee deebisanii, «Nu seera qabna; akka seera keennaatitti du'uu barbaachisa. Ilma Rabbii waan uf godheef» isaan jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yihuudonnillee deebisanii, «Nu seera qabna; akka seera keennaatitti du'uu barbaachisa. Ilma Rabbii waan uf godheef» isaan jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yihudonni'llee, «Nu'u seera qabnna, naminni kun mataa isaa Ilma Waaqaa waan taasiseef, akkaataa seera keennaa titti du'atu isaan mala» jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gumiin, «Nuuti seera tokko qanna; inni Ilma Waaqaa ifi godheera, akka seera keennaatitti du'uu qaba» jette.