John 2:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kanaan duuba, Yesuus haadha ifii, obboleeyyanii fi barattoota ifii woliin gara Qifirnaahomii dhaqe; isaan guyyoota diqqaa achi turane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi waan kana inni Kapernaumuti gadi bue, isaafi haad'a isaatiifi oboleyaani isaatiifi jari isaaleeni bulti diqo toko achi taani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii waan kanaa Yesus haada isaa, obboleeyyaan isaatii fi jarii isaallee waliin Qifirnaahomiitti gadi bu'ee, bultii diqqoo tokko achi taa'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayii Yesuus haadha ufii, ilmaan haadhaatii fi darasoota ufii woliin gara Qifirnaahoomii gad bu'anii guyyaa hago'oof achi taa'an.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaan maayii, Yesuus haadha ufii, Ilmaan haadhaatii fi darasoota ufii woliin gara Qifirinaahomii gad bu'anii; guyyaa hago'oof achi taa'an.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan dubbatti Yesus haadha, obboleeyyan isaa, barattoota isaa woliin'llee gara Qifirnaahoomii ni bu'an, achi'llee guyyoota muraasaaf ni taa'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kanaan duuba, Yesuus haadha ifii, obboleeyyanii fi barattoota ifii woliin gara Qifirnaahoomii dhaqe; isaan guyyoota diqqaa achi turane.