John 2:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre inni lichee wodaro'oo dhowatee, isaan maraa, hoole'ee fi loon, horii maraayyuu Galma Waaqaa keessaa gad oofe; inni xarapheessaa worra beesee jijjiiratuu garaggaggalchee beesee isaaniille bittanneesse.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni licho haada mid'aafate, Mana Waaqa keesaa waan ch'ufa gusse hooliyefi loonile, hori jara beese jijiru ch'ufa jisse, mesale garagalche.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii lichoo funnoo midhaaffatee, warra cufaa hooliyyee fi loon isaanii waliin mana Waaqaa keessaa gussee, horii jara beesee jijiiruu cufaa jissee, xerepheesaallee garagagaliche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee xurqaayyee dhayatee sangootaa fi hoolota mana woyyuu keessaa baasee worra birrii jijjiiratu waan isaan birrii irra kaayataniiran gara galchee birrii isaaniillee jalaa bittinneesse.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee xurqaayyee dhayatee, sangootaa fi hoolota mana woyyuu keessaa baasee; worra birrii jijjiiratu waan isaan birrii irra kaayataniiran garagalchee birrii isaaniillee jalaa bittinneesse.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti giraafii haada irraa hojjateeti namoota maraa, hoolotaa fi qotiyyootaan woliin Mana Waaqeffanna'aatii isaan ni baase, qarshii worra qarshii jijjiirttotaa'llee ni bittinneese, minjaalota isaanii'llee ni garagalche.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre inni lichee wodaro'oo dhowatee, isaan maraa, hoole'ee fi loon, horii maraayyuu Galma Waaqaa keessaa gad oofe; inni xarapheessaa worra beesee jijjiiratuu garaggaggalchee beesee isaaniille bittinneesse.