John 2:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yihudooti aadaa dhugeeffanna'aa ka ittiin ifi qulleessanu waan qabanuuf, okkotooti gugurdoon dhakaa irraa hujatante jaan achi jirtiiyyu; tokko tokkoon isaanii gara litirii saddeettaamaa haga litirii dhibbaa fi diddamaa qabuu dande'an.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Okote faara jaati achi ejaanja, ta Yahudiini aada worra ta qulqulleesa gula, bisaani keesa d'iqatu; ta isiini toko bute afuri shani fuutu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Okkotee faaraa ja'aatti, ta warrii Yihudii akka aadaa warraa ta qulqulleessaa gula, bisaan keessa dhiqatuutti, achi ejaajja; ta isiin takkattiin buttee afurii shan yokaan diddamaa soddoma qabattu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudonni waan aadaa uf qulqulleessu'uu qabaniif gaanii dhaga'aa jaha achii qaban. Gaaniin maruu waabaa lama yookaan sadihi qabata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yihuudonni aadaa ufi qulqulleessu'uu waan qabaniif, gaanii dhaga'aa jaha achii qaban. Gaaniin martinuu waabaa lama yookiin sadi qabata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yihudonni naamusa qulqullaayinnaa ni qaban waan turaniif, waabota dhaga'aa jaha achi ni turan, tokko tokkoon isaa'llee bishaan waabaa lamaa yookiin sadihii qabu'uuf ni danda'an turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudooti aadaa dhugeeffanna'aa ka ittiin ifi qulleessanu waan qabanuuf, okkotooti gugurdoon dhakaa irraa hujante jaan achi jirtiiyyu; tokko tokkoon isaanii gara litirii saddeettamaa haga litirii dhibbaa fi diddamaa qabuu dande'an.