John 2:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Itti gaafatamaan jilaalle bisaan daadhii woyni'ii te'e san fiixxisee ilaale. Tajaajiltooti worri bisaan budduusse beekanuu malee, inni daadhiin woyni'ii tun eessaa akka dhutte hin beenne; maarree inni waajibicha waamee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni bisaani kaani, ka amma daad'i tahe, une, ammo fulla isiini baateefi imbeekhu (ammo hojattuuni ta bisaani woraabde imbeeti). Duuba abbaani golola abba fuud'a yaame
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namichii bisaan kaan, ka amma daadhii ta'e une. Ammoo fulaa daadhiin baateef, warra bisaan waraabe sunii beeka malee, namichii hinbeeku. Jennaan abbaan gololaa abbaa fuudhaa yaamee
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka cidha galchullee bisaan daadhii ta'e hennaa afaaniin qabu eessaa akka dhufe hin beenne. Hojjattoonni bisaan woraaban ammo hin beekan. Ka cidha galchu abbaa cidhaa waamee, akkana jedheen,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka cidha galchullee bisaan daadhii ta'e hennaa afaaniin qabu eessaa akka dhufe hin beenne. Hojjattoonni bisaan woraaban ammoo hin beekan. Ka cidha galchu Abbaa cidhaa waamee,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti gaafatamaan afeerri'ii'llee bishaan gara daadhii woyinni'ii titti jijjiirame yeroo afaaniin qabetti, eessaa akka dhufe hin beekinne, tajaajilttoonni bishaan woraabanii garuu ni beekan ture, kanaaf itti gaafatamaan afeerri'ii, ka fuudhu waamee akkana ni jedheen,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Itti gaafatamaan jilaalle bisaan daadhii woyni'ii te'e san fiixxisee ilaale. Tajaajiltooti worri bisaan budduusse beekanuu malee, inni daadhiin woyni'ii tun eessaa akka dhutte hin beenne; maarre inni waajibicha waamee,