John 20:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyaa dilbataa ganama, barii halkan, Maariyaamiin qachaa Magdela'aa gara goda awwaalaa dhaxxee, dhakaan afaan goda awwaalaa irraa fuudhameeruun dhaggite.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya qara ka torbaani suni, Mariamu Magdalene, ato lafti imbariini, ganamaani gara awaala d'at'e, d'akha awaala ira gangalchani argite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyaa qaraa ka torbaan sunii, Maariyaam Magdaalaa, adoo laftii hinbariin, ganamaan gara awwaalaa dhaxee, dhakaa awwaala irraa gangalchan argite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jalqaba torbaanii guyyaa Dilbataa Maariyaam ta qachaa Magidala'aa ganama obboroo gara hulee awwaalaa dhufte; dhagaan ka awwaala irraa gangalfameeru argite.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sambata guddaa jalqaba torbaanii Maariyaam Magidalaawit ganama obboroo gara hulee awwaalaa dhufte; dhagaanillee ka awwaala irraa gangalfameeru argite.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dilbbataa ganama obboro'oon, uduu bariisaan hin ifin, Maariyaam Magadalaawittiin gara awwaala Yesusii ni deemitte, achi'llee akkuma geetteen dhagaan awwaalli ittiin cufamee ture, afaan awwaalaa irraa ka'ee ni argite.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa dilbataa ganama, barii halkan, Maariyaamiin qachaa Magdala'aa gara goda awwaalaa dhaxxee, dhakaan afaan goda awwaalaa irraa fuudhameeruun dhaggite.