John 20:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan, “Dubartii tana, maaf bootta?” jedhanee isii gaafatane. Isiin deebittee, “Goottaa kiyya fuudhaneeran; eessa akka isa keyaneeranu ani hin beeku!” jette.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri waan isiini jed'e, Intala, maafi boota? Isiini waan jetteeni, Aabbo Yeso ya armaa fuud'ani, fulla isa kayanile anini imbeekhu jette.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii isiin, “Intala, maaf bootta?” jennaan Isiin, “Aabboo Yesus ya armaa fuudhan, fulaa isa kaa'aniillee anin hinbeeku” warraan jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee, «Intala nana! maaf bootta?» isi'iin jedhan. Isiinillee, «Gooftaa kiyya fudhataniiran; eessa akka kaayan hin beenne!» isaaniin jette.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee, «Intala nana maaf bootta?» isi'iin jedhan. Isiinillee, «Gooftaa kiyya fudhataniiran; eessa akka kaayan hin beenne!» isaaniin jette.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee Maariyaamiin, «Dubarttii tana! Maali'iif bootta!?» ni jedhaniin. Isiin'llee, «Gooftaa kiyya fudhatanii jiran, eessa akka kaayaniin'llee hin beeku!» jette.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan, «Dubartii tana, maaf bootta?» jedhanee isii gaafatane. Isiin deebittee, «Goottaa kiyya fuudhaneeran; eessa akka isa keyaneeranu ani hin beeku!» jette.