John 20:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus, “Maariyaam” isi'iin jedhe. Isiin gara isaa garagaltee afaan Ibrootaatiin, “Rabbunii” jetteen; akkas jechuun, “Barsiisaa” jechu'u.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni, Mariamu! jed'eeni. Isiini mich'iramte, afaani Ebraniatiini, Rabboni! isaani jette. (Rabboni jechaani Aabbo jechu.)
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus, “Maariyaam” jedheen. Isiin gara isaa micciiramtee, afaan Ibraayisxiitin, “Rabbuunii!” isaan jette. (Rabbuunii jechuun barsiisaa jechuu.)
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee, «Maariyaam» jedheen; isiinillee uf duuba laaltee Ibraayisxiffaan, «Rabbunii» jetteen; hiikkaanillee, «Barsiisaa'a!» jechu'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee, «Maariyaam» jedheen, isiinilee uf duuba laaltee Ibraayisxiffaan, «Rabbunii» jetteen; hiikkaanillee, «Barsiisaa kiyya» jechu'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Maariyaam!» jedheen. Isiin'llee gara isaa garagaltteeti afaan worra Ibirootaatiin, «Rabbunii!» jetteen, hiikkaan isaa'llee, «Yaa barsiisaa!» jechu'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus, «Maariyaam» isi'iin jedhe. Isiin gara isaa garagaltee afaan Ibrootaatiin, «Rabbunii» jetteen; akkas jechuun, «Barsiisaa» jechu'u.