John 20:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus, “Ana hin qabin! Sababille ani haga ammaa gara Abba'aa ol hin baane. Ammoo gara obboleeyyan tiyyaa dhaqiitii, ‘Ani gara Abbaa kiyyaatii fi Abbaa keessanii, gara Waaqa kiyyaatii fi Waaqa keessanii ol bayaara’ jedhiitii isaanitti himi!” jedhee isi'itti hime.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan isiini jed'e, Naa inqabatini, anini qara gara Aabbo olindeemne. Ammo gara oboleyaani tiyya d'aqi waan jettuuni, Anini gara Abba kiyyatiifi Abba keesani, gara Waaqa kiyyatiifi gara Waaqa keesani oldeema, jed'i iti himi jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus isiin, “Na hinqabatin! Anin qara gara Aabboo olhindeemne. Ammoo gara obbooleeyyaan tiyyaa dhaqii, ‘Anin gara Abbaa kiyyaatii fi gara Abbaa keessanii, gara Waaqaa kiyyaatii fi gara Waaqaa keessanii oldeema’ jedhii itti himi” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee, «amma gara Abbaa kiyyaa waan ol hin baaneef, «Na hin tuqin! deemiitii gara obboleewwan kiyyaa dhaqiitii, ‹Ani gara Abbaa kiyyaa fi keessanii gara Waaqa kiyyaa fi keessanii ol baya'aara› jedhii isaanitti himi!» isi'iin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee, amma gara Abbaa kiyyaa waan ol hin baaneef, «Na hin tuqinii! deemiitii, gara obbolleewwan kiyyaa dhaqiitii, ‹Ani gara Abbaa kiyyaa fi keessanii gara Rabbii kiyyaa fi keessanii ol baya'aara› jedhiitii isaanitti himi!» isi'iin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus «Amma'llee gara Abbaa kiyyaa ol hin deebineetii ana hin tuqin, garuu gara obboleeyyan kiyyaa deemiitii, ‹ani gara Abbaa kiyyaatii fi gara Abbaa keessan, gara Waaqa kiyyaatii fi gara Waaqa keessan ol ni deebi'a jedhee jira› jedhiitii, isaanitti himi!» isi'iin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus, «Ana hin qabin! Sababille ani haga ammaa gara Abba'aa ol hin baane. Ammoo gara obboleeyyan tiyyaa dhaqiitii, ‹Ani gara Abbaa kiyyaatii fi Abbaa keessanii, gara Waaqa kiyyaatii fi Waaqa keessanii ol bayaara› jedhiitii isaanitti himi!» jedhee isi'itti hime.