John 20:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre Maariyaamiin gara qachaa Magdela'aa dhaxxee akka Goottaa dhaggiteertuu fi waan inni isi'itti hime barattootatti hinte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mariamu Magdalene gara jara isaa d'at'e, Anini yayu Aabbo arge jetteeni, ammalle waan inni isiini jed'e worrati himte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Maariyaam ta Magdaalaa gara jara isaa dhaxee, “Anin Aabboo yaayyuu arge” jettee, ammallee waan innii isiin jedhe warratti himte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maariyaam ta qachaa Maqidala'aa gara darasootaa dhaxxee, ani Gooftaa argeera jette. Waan inni isi'itti hime maraa isaanitti himte.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maariyaam Magidalaawit gara darasootaa dhaxxee, an Gooftaa argeera jette. Waan inni isi'itti hime maraa isaanitti himte.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf Maariyaam Magdalaan gara barattoota isaa deemittee Gooftaa akka argitee fi inni'llee maal akka isi'iin jedhe, isaanitti ni himtte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Maariyaamiin gara qachaa Magdala'aa dhaxxee akka Goottaa dhaggiteertuu fi waan inni isi'itti hime barattootatti hinte.