John 20:19 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dilbata san galgala, barattooti Yihudoota baallii qabanu waan sodaataneef, wolitti dacha'anee balbala cufataneeranuun, Yesuus dhufee odduu isaanii dhaabbatee, “Nageenni isiniif te'u!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Galgaluma guyya suni, guyya qara ka torbaani suni fulla jari ergattuuni Yeso jiru ka maro soda Yahuditiifi balbalti ch'ufaansa qaabdu Yesoni d'ufe, jiddu worra keesa eje waan jed'eeni galchuumi isani nagayaa?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyuma sun galgala, guyyaa qaraa ka torbaan sunii, fulaa jarii ergamtootii Yesus jiru ka marroo sodaa Yihudiitiif balbaltii cufaansa qabdu Yesus dhufee, jiddu warraa keessa ejjee, “Nageeni isanii ha ta'uu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaan sunillee torbaan keessaa guyyaa jalqabaati; hennaa dhiye hulee darasoonni wol gayanii turanitti Yihuudota waan sodaataniif uduu balbala cufatanii jiran, Yesuus dhufee isaan jidduu dhaabatee, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyaan sunillee torbaan keessaa guyyaa duraati, hennaa dhiye hulee darasoonni wolgayanii turanitti Yihuudota waan sodaataniif balbala cufatanii uduu jiran, Yesuus dhufee isaan jidduu dhaabatee, «Nageenni isiniif haata'u!» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achuma guyyaa jalqaba torbaanii titti Dilbbata galgala, barattoonni isaa namoota worra Yihudotaa ka aangoo qaban sodaachu'uun, balballan isaanii cufatanii, mana keessatti wolgayanii jiran ture, balballan cufamanii uduma jiran, Yesus gara mana barattoonni isaa itti wolgayanii ni aseene, jidduu isaanii'llee ni dhaabate, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dilbata san galgala, barattooti Yihudoota baallii qabanu waan sodaataneef, wolitti dacha'anee balbala cufataneeranuun, Yesuus dhufee odduu isaanii dhaabbatee, «Nageenni isiniif te'u!» jedhe.