John 20:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isiin gara Simoon Pheexroosiitii fi barataa kaanii, ka Yesuus isa jaalatee, rukkittee dhaxxee, “Goottaa goda awwaalaa keessaa fuudhaneeran; isaan eessa akka isa keyaneeranu nuuti hin beennu” jettee isaanitti hinte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani isiini utaalte, gara Simoni Petrofi namicha Yesoni jaalate kaani d'at'e waan jetteeni, Aabbo ya awaala keesaa fuud'ani, ammalle fulla kayani nu imbeennu jette.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan isiin utaaltee, gara Simoon Phexrosiifi gara namicha Yesus jaalate kaanii dhaxee, “Aabboo ya awwaala keessaa fuudhan, ammallee fulaa kaa'aniillee nu hinbeennu” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fiiga'aa gara darasicha Yesuus jaalatuu fi gara Simoon Pheexroosii dhaxxee, «Gooftaa awwaala keessaa fudhataniiran; eessa akka kaayan hin beennu» isaaniin jette.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fiiga'aa gara darasicha Yesuus jaalatuuf gara Simoon Pheexroosii dhaxxee, «Gooftaa awwaala keessaa fudhataniiran; eessa akka kaayan hin beennu» isaaniin jette.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf isiin gara Simoon Phexirosiitii fi gara barataa Yesus jaalaatuunii fiiga'aa ni deemitteeti, «Gooftaa awwaala keessaa baasanii fudhataniinii jiran, eessa akka kaayaniin hin beekinnu» isaaniin jette.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isiin gara Simoon Pheexroosiitii fi barataa kaanii, ka Yesuus isa jaalatee, rukkittee dhaxxee, «Goottaa goda awwaalaa keessaa fuudhaneeran; isaan eessa akka isa keyaneeranu nuuti hin beennu» jettee isaanitti hinte.