John 20:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barattoota kudhanii lamaan keessaa, Toomaas, “Lakkuu” ka jedhame, yennaa Yesuus dhufe isaan woliin hin jiru.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Tomasoni ka laku jed'ani ka jara kud'ani lamaani keesa jiru gaafa Yesoni d'ufe, worra woliini injiru.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jara Yesus kudhanii lamaan keessaa, Toomaas ka, “Lakkuu” jedhan, gaafa Yesus dhufe warra waliin hinjiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo kudha lamaan keessaa tokko, «Didimoos» namni jedhamu Toomaas hennaa Yesuus dhufe isaan woliin hin jiru.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo kudha lamaan keessaa tokko, «Didimoos» namni jedhamu, Toomaas hennaa Yesuus dhufe isaan woliin hin jiru.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus gara barttootaa isaa yeroo dhufetti kudha lamaan keessaa tokko, Diidimoos ka jedhame Toomaas, isa woliin hin turre.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barattoota kudhanii lamaan keessaa, Toomaas, «Lakkuu» ka jedhame, yennaa Yesuus dhufe isaan woliin hin jiru.