John 20:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre barattooti dhibiin, “Nuuti Goottaa dhaggineerra!” jedhanee itti himane. Toomaas isaaniin, “Madaa misimaaraa harka isaa lamaaniituu dhaggee, quba kiyya yoo keye malee, madaa cinaacha isaa keessalle harka kiyya yoo keye malee, ani hin dhugeeffadhu” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba jari kaani waan jed'eeni, Nu la Aabbo argine. Ammo inni waan worraani jed'e, Yo anini harka isaa keesa gadaanisa musumaraa arge, quba kiyya fulla musumaraani woraane ke kaye, harka kiyyale t'iit'a isaa keesa kaye male, diqo haganale ind'ugefad'u jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba jarii kaan, “Nu Aabboo la arginne” jedhee itti hime; innii ammoo warraan, “Anin yo harka isaa keessa gadaanisa mismaraa argee, quba kiyya fulaa mismaraan waraanan keessa kaa'ee, harka kiyyaallee xiixaa isaa keessa kaa'e malee, diqqoo haganaallee hindhugeeffadhu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Darasoonni kuuwwan, «Gooftaa argineerra!» jedhaniin. Inni ammo, «Harka isaa ka mismaari'iin woraanname malkata san argu malee, quba kiyyallee qaalawa san keessa kaayu malee, kalee isaa keessa cinaacha keessa yoo harka hin keenne hin amanu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Darasoonni kuuwwan, «Gooftaa argineerra!» jedhaniin. Inni ammoo, «Harka isaa ka mismari'iin woraanname malkata san argu malee, quba kiyyallee qaalawa san keessa kaayu malee, kalee isaa keessa cinaacha keessa yoo harka hin keenne hin amanu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf barattoonni kuunniin Toomaasiin, «Gooftaa arginee jirra» jedhaniin. Inni garuu, «Harkiin isaa ka mismaaraan woraanaman yoo argee fi quba kiyya'llee bakka mismaariin woraanitte keessa yoo aseenisisuu dhabaadhe, harka kiyya'llee madaa cinaacha isaa keessa uduu hin aseensisin, hin amanu» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre barattooti dhibiin, «Nuuti Goottaa dhaggineerra!» jedhanee itti himane. Toomaas isaaniin, «Madaa misimaaraa harka isaa lamaaniituu dhaggee, quba kiyya yoo keye malee, madaa cinaacha isaa keessalle harka kiyya yoo keye malee, ani hin dhugeeffadhu» jedhe.