John 20:26 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Torbaan tokkoon duuba ammalle barattooti isaa wolitti qabamanee mana keessa jiraniiyyu; Toomaasille isaan woliin jira. Balbalti cufanteertuun, Yesuus ammoo dhufee odduu isaanii dhaabbatee, “Nageenni isiniif te'u” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi torbaani toko, ka jari isaa ammalle mana keesa jiru, Tomasoleeni achi jira. Balbalti ch'ufaansa qabdi, ammo Yesoni d'ufe, jiddu worraa keesa eje waan jed'eeni, Galchuumi isani nagaya?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Torbaan tokkoon eegee, ka ammallee jarii isaa mana keessa jiru, ka Toomasiilleen warra waliin jiru, adoo balbaltii cufaansa qabdu, Yesus dhufee, jidduu warraa keessa ejjee, “Galchuum isaan nagaa?” warran jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa saddeetaan maayii akkasuma darasoonni mana keessa turan. Toomaasillee isaan woliin jira. Uduma balballi cufameeru Yesuus dhufee isaan jidduu dhaabatee, «Nageenni isiniif haa ta'u» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyaa sadeetaan maayii akkasuma darasoonni mana keessa turan. Toomaasillee isaan woliin jira. Uduma balballi cufameeru Yesuus dhufee isaan jidduu dhaabatee, «Nageenni isiniif haata'uu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa saddeetiin duubatti barattoonni isaa deebi'anii mana keessa ni jiran turan, Toomaas'llee isaan woliin ni jira ture, balballan'llee cufamanii uduu jiran, Yesus dhufee jidduu isaanii dhaabateeti, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin ni jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Torbaan tokkoon duuba ammalle barattooti isaa wolitti qabamanee mana keessa jiraniiyyu; Toomaasille isaan woliin jira. Balbalti cufanteertuun, Yesuus ammoo dhufee odduu isaanii dhaabbatee, «Nageenni isiniif te'u» jedhe.