John 20:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba inni Toomaasiin, “Quba keeti as fidii irra keyii, harka kiyya lamaan ilaali; harka keetille diriirsiitii madaa cinaacha kiyyaa keessa keyi. Dhugeeffadhu malee, hin mamin!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni waan Tomasoni jed'e, Quba kanke achi asi gaqabad'u, harka kiyya ilaali; ammalle harka kanke asi gadi d'eerefad'u, t'iit'a tiyya keesa kayi. Ind'areefatiini, ammo d'ugefad'u!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan innii Toomasiin, “Quba kankee achasi gaqabadhuu, harka kiyya laali; ammallee harka kankee achasigad dheerefadhuu, xiixaa kiyya keessa kaa'i; hindhaareeffatiinii, dhugeeffadhuu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Toomaasiin, «Quba kee asi fidiitii harka kiyya laali, harka kee fidiitii kalee kiyya keessa kaayi, nama amante ta'i malee ka hin amanne hin ta'in!» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa Toomaasiin quba kee asi fidiitii harka kiyya laali, harka kee fidiitii kalee kiyya keessa kaayi, nama amante ta'i malee, ka hin amanne hin ta'in!» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Toomaasiin, «Quba kee garana fidiitii harka kiyya laali, harka kee'llee fidiitii cinaacha kiyya keessa aseensisiin, amani malee ka amantii hin qabnne hin ta'in» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni Toomaasiin, «Quba keeti as fidii irra keyii, harka kiyya lamaan ilaali; harka keetille diriirsiitii madaa cinaacha kiyyaa keessa keyi. Dhugeeffadhu malee, hin mamin!» jedhe.