John 20:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan lamaanuu woliin rukkisanee, barataan kuun ammoo Pheexroos caalaa ariifatee rukkisee, dursee goda awwaalaa bira geye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri lachu woliini orie, ammo namichi kaani Petro qolche, durati awaala gahe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii lachuu waliin ori'ee, namichii kaan ammoo Phexros qolchee, duraatti awwaalaan ba'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan lamaanuu woliin fiiganii darasaan biraallee Pheexroosiin bira lufee daddafee afo'otti fiigee firrisee hulee awwaalaa gaye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan lamaanuu woliin fiiganii darasaan biraallee Pheexroos bira lufee daddafee afo'otti fiigee firrisee hulee awwaalaa gaye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Lamaanuu woliin ni fiigan ture, garuu barataan bira'aa san Phexirosiin caala'atti dadafee fiigeeti, durssee gara bakka awwaalaa ni gaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan lamaanuu woliin rukkisanee, barataan kuun ammoo Pheexroos caalaa ariifatee rukkisee, dursee goda awwaalaa bira geye.