John 20:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
fi woyaa mataa Yesuusiititti maraneeranulle achitti dhagge. Woyaan mataa Yesuusiititti maraneeranu, woyaa qoolaa ta ittiin marane woliin adoo hin te'in qofuu marantee achi jirti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Surele ta qara matati marani arge. Sureni suni woya boofta woliini injirtu ammo wolti dachaasani koba kayani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Surree qara mataa Yesusiitti maraniillee ta wayaa marduufaa sun waliin hinjire ta ammoo walti dachaasanii kophaa kaa'an arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uffata isaan sattaran achitti arge. Akkasuma uffata mataa isaa irra ture kopha'atti ka hulee tokkotti marameeru arge.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uffata isaan sattaranillee achitti arge. Akkasuma uffata mataa isaa irra ture kopha'atti ka hulee tokkotti marameeru arge.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
mataan Yesusii ittiin maraamee subbee ture'llee uffata kafanni'ii woliin uduu hin ta'in, adda bakka bira'aa titti akkuma maramee jiruun ni arge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
fi woyaa mataa Yesuusiititti maraneeranulle achitti dhagge. Woyaan mataa Yesuusiititti maraneeranu, woyaa qoolaa ta ittiin marane woliin adoo hin te'in qofuu marantee achi jirti.