John 21:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus isaaniin, “Kowa'aa diiranteeffadha'a!” jedhe. Isaan Goottaa te'uu isaa waan beekaneef, barattoota keessaa tokkolle, “Ati eennu?” jedhee gaafatiisaaf ka itti game hin jiru.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan worraani jed'e, Koota buud'o baafad'a. Jara isaa keesa tokoleeni ka garaa jabaate, atini eennu jed'e gaafate injiru wonti akanatiifi worri aka inni Aabbo ya beekhe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus, “Koottaa buudhoo baafadhaa” warraan jedhe. Jara isaa keessa tokkolleen ka garaa jabaatee, “Atin eennu?” jedhee gaafate hinjiru. Wannii akkanaatiif warrii akka innii Aabboo la beeke.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee, «Koottaa hurbaata nyaadhaa'a!» isaaniin jedhe. Darasoota keessaa tokkollee, «Ati eennu?» jedhee ka isa qoruu ugge hin jiru; waan akka inni Gooftaa ta'e beekaniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee, «Koottaa hurbaata nyaadhaa'a!» isaaniin jedhe. Darasoota keessaa tokkollee, «Ati eennu?» jedhee ka isa qoruu ugge hin jiru. Waan akka inni Gooftaa ta'e beekaniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Yesus, «Koottaa nyaadhaa!» isaaniin jedhe. Gooftaa Yesusiin ta'uu isaa marrinuu beekanii jiran waan turaniif, barattoota isaa keessaa tokko'llee, «Ati eennu?» jedhee, isa gaafachu'uuf ka ugge hin turre.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus isaaniin, «Kowa'aa diiranteeffadha'a!» jedhe. Isaan Goottaa te'uu isaa waan beekaneef, barattoota keessaa tokkolle, «Ati eennu?» jedhee gaafatiisaaf ka itti game hin jiru.