John 21:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus yennaa sadeesso'oo, “Simoonii ilma Yohaannisii, ana jaallatta?” jedhe. Pheexroos waan inni sadeessoo, “Ana jaallattaa?” jedhee isa gaafateef gaddee, “Gootta'a, ati waan mara beetta; akka si jaalladhu atuu hin beetta” jedheen; Yesuus, “Hoolee tiyya bobbaas” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle maro sadeeso Yesoni waan jed'eeni, Simoni ilma Yohana, Atini naa feeta? Petroni garaa ufi keesati lalefate waan inni maro sadeeso, Atini naa feeta? jed'eefi. Inni waan jed'eeni, Aabbo, atini waan ch'ufa imbeeta, aka anini si fed'u imbeeta. Yesoni waan jed'eeni, Hooliye tiyya nyaachisi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee marroo sadeessoo Yesus, “Simoon ilma Yoh. aannisii, atin na jaalattaa?” jedhe. Phexros waan Yesus marroo sadeessoo, “Atin na jaalattaa?” jedheeniif, garaa ufii keessatti laalefatee, ammoo deebisee, “Aabboo, atin waan cufaa inbeetta, akka anin si jaaladhu atuu inbeetta” jedheen. Yesus, “Hooliyyee tiyya nyaachisi!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sadeesso'oof, «Ilma Yoona'aa Simoon! na jaalattaa?» jedheen. Sadeessoo, «Na jaalattaa?» jennaaniin Pheexroos gaddee, «Gooftaa kiyya! Ati waa maraa beetta; akka si jaaladhullee atuu hin beetta» jedheen. Yesuusillee, «Hoolota tiyya bobbaasi;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sadaffa'aaf, «Ilma Yoona'aa Simoon, na jaalattaa?» jedheen. Sadaffaa na jaalattaa? jennaniin Pheexroos gaddee, «Gooftaa kiyya! Ati waa maraa beetta; akka si jaaladhullee atuu hin beetta» jedheen. Yesuusillee, «Hoolota tiyya bobbaasi»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sadaffaa'llee, «Ilma Yohaannisii yaa Simoon! najaalattaa ree?» jedheen. Yeroo sadaffaa'llee, «Ana jaalattaa ree» waan isaan jedheef Phexiros gaddeeti, «Yaa Gooftaa! Ati maraa ni beekitta, ani akka si jaaladhu'llee ni beekitta» jedheen. Yesus'llee akkana ni jedheen, «Hoolota tiyya bobbaasi,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus yennaa sadeesso'oo, «Simoonii ilma Yohaannisii, na jaalatta?» jedhe. Pheexroos waan inni sadeessoo, «Ana jaalattaa?» jedhee isa gaafateef gaddee, «Gootta'a, ati waan mara beetta; akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedheen; Yesuus, «Hoolee tiyya bobbaasi.