John 21:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani dhugaa si'iin jedha: Ati yennaa dargaggeessaa, hidhattee gara barbaadde deentaayyu; yennaa dulloonte ammoo, harka keeti diriiffatteen, nami dhibiin sitti hidhee gara ati hin jaallanne si geessa” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'uguma, waan anini siini jed'u, Gaafa kaimooma keti mart'ifatte gara feetu deemte; ammo gaafa jaartu harka kanke d'eerefatte, nami d'ibiini si hid'e gara atini imfeene si geesa jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin dhuguma, dhugaatiin siin jedhaa, atin gaafa ka'imooma kankeettii marxifattee gara feetu deemte; gaafa jaartu ammoo harka kankee dheerefatteetti, namii dhibiin hidhaana sii hidhee gara atin hinfeene si geessa” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani dhugama dhuga'aatiin siin jedha, hennaa nama dargaggeessa turte mudhii kee ufumaan hidhattee hulee feete deemta. Haa ta'uu ammo hennaa jaartee harka kee ol qabattee namni biraa mudhii kee si hidhee gara ati hin barbaanne si fida» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Ani dhugama dhuga'aatiin siin jedha: hennaa nama dargaggeessa turte, mudhii kee ufumaan hidhattee hulee feete deemta. Haata'uu ammoo hennaa jaartee harka kee ol qabattee, namni biraa mudhii kee si hidhee gara ati hin barbaanne si fida» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
dhugaa isiniin jedha, ati dargaggeessa yeroo turttetti, woraanittillee kee harkuma keetiin hidhattee gara barbaadde ni deemtta ture, yeroo jaarsomtetti garuu, ati harka kee hiixatteeti naminni bira'aa si ni hidhachiisa, gara ati hin barbaanne'llee si ni fida.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani dhugaa si'iin jedha: Ati yennaa dargaggeessaa, hidhattee gara barbaadde deentaayyu; yennaa dulloonte ammoo, harka keeti diriirfatteen, nami dhibiin sitti hidhee gara ati hin jaalanne si geessa» jedheen.