John 21:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Simoon Pheexroos, Toomaas, “Lakkuu” ka jedhame, Naataanaa'el nami qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa, ilmaan Zabedewoosiitii fi barattooti Yesuusii ta dhiibiin lamaan woliin jiraniiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Simoni Petrofi Tomaso ka Laku jed'aniifi Nathanieli ka dira Kana ka lafa Galilayatiifi, ilmaani Zebedayotiifi jari isaa lama d'ibiini woliini jirani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Simoon Phexrosii, Toomas ka Lakkuu jedhanii, Naataanaa'el ka dira Qaanaa ka lafa Galiilaatii, ilmaan Zabdewosiitii fi jarii isaa lama dhibiin waliin jiran.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Simoon Pheexroosii fi ka Didimoos jedhamu Toomaas nama Qaanaa Galiilaa Naatinaa'elii fi ijoolleen Zabdewoosii darasoota keessaallee ka biraa namoonni lamaa isaan woliin turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Simoon Pheexroosiif ka Didimoos jedhamu Toomaas nama Qaanaa Galiilaa Naatinaa'elii fi ijoolleen Zabdiyoosi darasoota keessaallee ka biraa namoonni lamaa isaan woliin turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Simoon Phexiros, Diidimoos ka jedhame Toomaas, Naatinaa'eliin Qaanaa Galiila'aa, ilmaan Zabdewoosiitii fi kuunniin barattoonni lamaa'llee, isa woliin ni turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Simoon Pheexroos, Toomaas, «Lakkuu» ka jedhame, Naataanaa'el nami qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa, ilmaan Zabdewoosiitii fi barattooti Yesuusii ta dhibiin lamaan woliin jiraniiyyu.