John 21:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Pheexroos garagalee barataan Yesuus isa jaallatu kuun Yesuus hordofuun dhagge; barataan kun ka irbaata irratti gara Yesuusii ittuma hiiqee, “Gootta'a, ka dabarsee si kennaaru eennu inni?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Petroni garagale namicha Yesoni jaalatu ka Yeso gula deemu arge. (Namicha suni ka gaafa guyya eege Yesoni sagale jara ergattu isaa woliini nyaate, bobaa Yesoti hirkate Aabbo, eennu ka si gurguru? jed'e gaafate.)
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phexros garagalee namicha Yesus jaalatu ka Yesus gula deemu arge. Namichii sun ka gaafa guyyaa eegee ka Yesus sagalee jara ergamtoota isaa waliin nyaate, bobaa Yesusiitti hirkatee “Aabboo, eennu ka si gurguru?” jedhe gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Pheexroosillee midhatee darasicha Yesuus jaalatu uduu isa faanaa deemu arge; innillee hennaa dhiyanaa gara qoma isaatitti siiqee, «Gooftaa'a, ka dabarsee si kennu eennu?» ka jedhee gaafate san.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Pheexroosillee midhatee darasicha Yesuus jaalatu uduu isa faanaa deemu arge, innillee hennaa dhiyanaa gara qoma isaatitti siqee, «Gooftaa'a, ka dabarsee si kennu eennu?» ka jedhee gaafate san.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phexiros ufi irra garagalee yoo laalu barataan ni jaalataan ture, isa yoo horddofuun ni arge, barataan kun'llee yeroo irbaataa gara Yesusii dhiyaatee, «Yaa Gooftaa, dabarssee ka si kennu eennu?» jedhee, ni gaafateen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Pheexroos garagalee barataan Yesuus isa jaalatu kuun Yesuus hordofuun dhagge; barataan kun ka irbaata irratti gara Yesuusii ittuma hiiqee, «Gootta'a, ka dabarsee si kennaaru eennu inni?» jedhee gaafate.