John 21:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Wonni Yesuus huje dhibiin heddu'utti jira. Marti isi'iituu tokko tokkoon adoo barreeffantee jiraattee, silaafuu biyyi lafaa duudiin kitaabota barreeffamanu kana dandeettee hin ba'attuyyuu jedhee herrega.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle waan heddu d'ibiti jira ka Yesoni tolche. Yo sila ch'ufa t'aafani, mala kiyya, laftileeni kitaaba hagasi ch'ufa dandeete imfuutu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee waan hedduu dhibiitti jira ka Yesus tolche. Yo silaa cufaa barreessan, mala kiyyaa, laftiilleen kitaaba hagasii cufaa dandeettee hinfuutu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus waan biraallee heddu hojjateera. Akkasuma uduu marti isaanii tokko tokkoon barreeffamanii jiraatanii, kitaabbilee barreeffaman saniif lafti tun waan geettu natti hin fakkaatu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus waan biraallee heddu hojjateera. Akkasuma uduu marti isaanii tokko tokkoon barreeffamanii jiraatanii, kitaabbillee barreeffaman saniif, ani lafti tun waan geettu natti hin fakkaatu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus ka raawwate kuunniin wonittoonni baayi'een ammoo ni jiran. Ani akka anatti fakkaatutti wonittoonni inni taasise marrinuu tokko tokkoon uduu barreeffamee, kitaabban barreeffaman biyyi lafaa mataan isaatuu baadhachu'uuf, hin dandda'u ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni Yesuus huje dhibiin heddu'utti jira. Marti isi'iituu tokko tokkoon adoo barreeffantee jiraattee, silaafuu biyyi lafaa duudiin kitaabota barreeffamanu kana dandeettee hin ba'attuuyyuu jedhee herrega.